Tiksootaa fi Malaʼikkoota Allaah
8 Tiksoota halkan halkan ala bulanii bushaayee isaanii tikfatanitu biyya sana ture. 9 Malaʼikkaan Gooftaa isaanitti mulʼate; ulfinni Gooftaas naannoo isaaniitti ibse; isaanis akka malee sodaatan. 10 Malaʼikkaan sun garuu akkana isaaniin jedhe; "Hin sodaatinaa. Kunoo, ani oduu gaarii baayʼee nama gammachiisu kan saba hundumaaf taʼu isinii fideeraatii.