Mukti Harbuu Goguu Isaa
20 Isaanis ganamaan utuu karaa sana darbanuu akka mukti harbuu sun hidda isaatii jalqabee goge argan. 21 Phexrosis yaadatee Iisaan, "Yaa barsiisaa ilaa! Harbuun ati abaarte sun gogeera!" jedhe.
22 Iisaan immoo akkana jedhee deebise; "Allaahatti amanaa. 23 Ani dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo tulluu kanaan ‘Buqqaʼiitii galaanatti darbatami’ jedhe, yoo garaa isaattis mamuu baatee akka wanni inni jedhe sun taʼu amane, wanni sun ni taʼaaf. 24 Kanaafuu ani isinittin hima; waan duʼaadhaan gaafattan hunda akka argattan amanaa; innis isiniif ni taʼa. 25 Yeroo duʼaa gochuuf dhaabattan, akka Abbaan keessan inni shamaayʼun irraa cubbuu keessan isiniif dhiisuuf, isinis yoo waanuma tokko illee nama kam iyyuu irraa qabaattan dhiisaafii. [