24 "Bara sana keessa garuu dhiphina sana booddee,
" ‘Aduun ni dukkanoofti;
jiʼis ifa ishee hin kennitu;
25 urjiiwwan shamaayʼun irraa ni harcaʼu;
humnoonni shamaayʼuniis ni raafamu.’ 13:25 Isa 13:10; 34:4
26 "Yeroo sana namoonni utuu Ilmi Namaa humna guddaa fi ulfinaan duumessaan dhufuu ni argu. 27 Innis Malaʼikkoota isaa ergee filatamtoota isaa kanneen handaarawwan lafaa irraa hamma handaarawwan shamaayʼuniiwwaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qaba.