35 Utuu Iisaan dubbachaa jiruus namoonni tokko tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufanii, "Intalli kee duuteerti; ati siʼachi maaliif barsiisicha rakkifta?" jedhan.
36 Iisaan garuu waan isaan jedhan jalaa qabuu didee bulchaa mana sagadaa sanaan, "Amani malee hin sodaatin!" jedhe.
37 Innis Phexros, Yaaʼikuubii fi Yohannis obboleessa Yaaʼikuub malee akka namni tokko iyyuu isa faana deemu hin eeyyamne. 38 Yommuu mana hoogganaa mana sagadaa sanaa bira gaʼanittis Iisaan uummata wacu, namoota booʼanii fi wawwaatan arge. 39 Innis ol seenee, "Wacnii fi booʼichi kun hundi maali? Intalattiin ni rafti malee hin duune" jedheen. 40 Isaan garuu isatti kolfan.
Innis erga hunda isaanii gad baasee booddee, abbaa fi haadha intalattii, barattoota isa wajjin turanis fudhatee iddoo intalattiin jirtu seene. 41 Innis harka ishee qabee, "Xaaliitaa quumii!" jedheen; kunis, "Yaa mucattii xinnoo, ani siin nan jedha, kaʼi!" jechuu dha. 42 Mucattiinis yommusuma kaatee dhaabatte; asii fi achis deemuu jalqabde. Umuriin ishee waggaa kudha lama ture. Isaanis yommusuma akka malee dinqifatan. 43 Innis akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekneef ajaja cimaa kenne; akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime.