Pular para o conteúdo
Publicidade

Maarqos 7

9 Innis ittuma fufee akkana jedheen; "Isin duudhaa ofii keessanii eeguuf jettanii ajaja Allaaha tuffachuuf mala gaarii qabdu! 10 Muusaan, Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni;7:10 Bau 20:12; KeD 5:16 namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu7:10 Bau 21:17; Lew 20:9 jedheeraatii. 11 Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaa yookaan haadha isaa gargaaruuf oolu Qurbaana jechuunis Allaahaf kennameera jedhee dubbate, 12 isin akka inni abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif waan tokko illee godhu siʼachi hin eeyyamtaniif. 13 Akkanaanis duudhaa keessan isa walitti dabarsitan sanaan dubbii Allaaha busheessitu. Waan akkanaa baayʼees ni hojjetu."

Veja também