Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 8

Iisaan Nama Kuma Afur Sooruu Isaa

1 Gidduu sana tuunni biraa guddaan isaa ammas walitti qabame. Iisaanis sababii tuunni sun waan nyaatu hin qabaatiniif barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; 2 "Sababii isaan guyyaa sadii na bira turanii waan nyaatan tokko illee hin qabneef, ani namoota kanneeniif garaa nan laafa. 3 Yoo ani agabuu isaanii gad isaan dhiise, isaan karaa irratti ni gaggabu; isaan keessaa tokko tokko fagoodhaa dhufaniitii."

4 Barattoonni isaas deebisanii, "Namni kam iyyuu gammoojjii kana keessatti buddeena isaan gaʼu eessaa argachuu dandaʼa?" jedhan.

5 Iisaan immoo, "Isin buddeena meeqa qabdu?" jedhee gaafate.

Isaanis, "Torba" jedhan.

6 Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime. Buddeena torban fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattoota isaatti kenne; isaanis namootaaf dhiʼeessan. 7 Akkasumas qurxummii xixinnoo muraasa qabu turan; qurxummii sanas eebbisee akka isaan namootaaf hiraniif barattoota isaatti hime. 8 Namoonnis nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban. 9 Isaanis gara nama kuma afurii turan. Innis erga of irraa isaan geggeessee booddee,

Veja também