17 Namoota sana keessaas namichi tokko akkana jedhee deebise; "Yaa barsiisaa, ani ilma koo kan hafuura arraba didaadhaan qabame sitti fideera. 18 Hafuurichi yeroo itti kaʼu kam iyyuu, darbatee lafaan isa dhaʼa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; ilkaan qara; ni kokottaaʼas. Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan gaafadhe; isaan garuu hin dandeenye."
19 Iisaanis deebisee, "Isin dhaloota hin amanne nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha natti fidaa" jedhe.
20 Isaanis gurbicha isatti fidan. Hafuurichis akkuma Iisaa argeen gurbicha dhidhiitachiise; gurbichis lafa dhaʼee hoomacha afaaniin baasee gangalate.
21 Iisaanis, "Wanni kun erga isa qabee hammam ture?" jedhee abbaa gurbichaa gaafate.
Innis akkana jedhe; "Ijoollummaadhaa jalqabee ti. 22 Isa ajjeesuuf jedhees yeroo baayʼee ibidda keessa yookaan bishaan keessa isa buuseera. Ati garuu yoo waanuma tokko illee gochuu dandeesse garaa nuu laafiitii nu gargaari."
23 Iisaanis, " ‘Yoo dandeesse’ jettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama" jedheen.
24 Yommusuma abbaan mucaa sanaa, "Ani nan amana; amantii dhabuu koo na gargaari" jedhee iyye.
25 Iisaanis yommuu namoota girrisanii dhufan argetti, "Yaa hafuura duudaa fi arrab-didaa nana, akka ati isa keessaa baatu, deebitees akka isatti hin galle sin ajaja" jedhee hafuura xuraaʼaa sana ifate.
26 Hafuurri sun iyyee, akka malees isa dhidhiitachiisee keessaa baʼe. Gurbichis akkuma reeffaa taʼe; namoonni baayʼeenis, "Inni duʼeera" jedhan. 27 Iisaan garuu harka qabee ol isa kaase; gurbaan sunis kaʼee dhaabate.