6 "Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko illee yoo gufachiise, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee tuujuba galaanaa keessa dhidhimuu isaaf wayya ture.
Cubbuu Walitti Hojjechuu
15 "Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta.