8 Yoo harki kee yookaan miilli kee si gufachiise, of irraa kutii gati. Harka lama yookaan miilla lama qabaattee ibidda bara baraatti darbatamuu irra, dooluu taatee yookaan laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya. 9 Yoo iji kee si gufachiise of keessaa baasii gati. Ija lama qabaattee ibidda jahaannamiitti darbatamuu irra ija tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya.
18:12-14 kwf – Luq 15:4-7