22 Ani garuu isinittin hima; nama obboleessa isaatti dheekkamu hundumaa murtiitu eeggata. Namni obboleessa isaatiin ‘Raatuu’ jedhu hundis murtii waldaatti dhiʼaata. Nama obboleessa isaatiin ‘Doofaa nana!’ jedhu immoo ibidda jahaannamtu isa eeggata.
29 Yoo iji kee mirgaa si gufachiise, of keessaa baasii gati. Dhagni kee guutuun jahaannamitti darbatamuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayyaatii. 30 Yoo harki kee mirgaa si gufachiise of irraa murii gati. Dhagni kee guutuun jahaannamitti galuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayya.