Pular para o conteúdo
Publicidade

Maatewos 6:5-15

Duʼaa

5 "Isin yommuu duʼaa gootan akka fakkeessitootaa hin taʼinaa; isaan namatti mulʼachuuf jedhanii manneen sagadaa keessaa fi golee karaa irra dhaabatanii duʼaa gochuu jaallatuutii. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru. 6 Ati garuu yeroo duʼaa gootu mana keetti ol gali; balbala cufadhuutii Abbaa kee isa hin mulʼanne sana duratti duʼaa godhi. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna. 7 Isinis yommuu duʼaa godhattan akka ormootaa dubbii faayidaa hin qabne irra hin deddeebiʼinaa; isaan baayʼina dubbii isaaniitiin waan isaaniif dhagaʼamu seʼu. 8 Isin akka isaanii hin taʼinaa; abbaan keessan utuma isin duʼaa hin godhin iyyuu waan isin barbaachisu ni beekaatii.

9 "Egaa akkana jedhaa duʼaa godhadhaa:

" ‘Yaa Abbaa keenya kan shamaayʼun irra jirtu,

maqaan kee haa qulqullaaʼu;

10 mootummaan kee haa dhufu;

fedhiin kee akkuma shamaayʼun irratti taʼe sana,

lafa irrattis haa taʼu.

11 Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa harʼa nuu kenni.

12 Akkuma nu warra yakka nutti hojjetaniif dhiifnu sana,

atis yakka keenya nuuf dhiisi.

13 Isa hamaa jalaa nu baasi malee qoramatti nu hin galchin.’ 6:13 Akka Giriikotaatti qoramatti jechuun qormaatatti jechuu.

Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti.

Ameen. 6:13 Yookaan isa hamaa jalaa hiikkaawwan durii tokko tokko jecha isa / Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti. Ameen jedhu hin qaban.

14 Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan, Abbaan keessan inni shamaayʼun irraas akkasuma isiniif dhiisaatii. 15 Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiisuu baattan garuu, Abbaan keessanis akkasuma cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.