9 "Egaa akkana jedhaa duʼaa godhadhaa:
" ‘Yaa Abbaa keenya kan shamaayʼun irra jirtu,
maqaan kee haa qulqullaaʼu;
10 mootummaan kee haa dhufu;
fedhiin kee akkuma shamaayʼun irratti taʼe sana,
lafa irrattis haa taʼu.
11 Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa harʼa nuu kenni.
12 Akkuma nu warra yakka nutti hojjetaniif dhiifnu sana,
atis yakka keenya nuuf dhiisi.
13 Isa hamaa jalaa nu baasi malee qoramatti nu hin galchin.’
Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti.
Ameen.