33 Isaan tulluu Rabbii Allaah irraa kaʼanii guyyaa sadii deeman. Taabonni kakuu Rabbii Allaahas iddoo isaan boqotan isaaniif barbaaduuf jedhee guyyaa sadanuu isaan dura deeme. 34 Duumessi Rabbii Allaah sun yeroo isaan qubata keessaa baʼan guyyaa guyyaa isaan irra ture.
35 Yeroo taabonni sun kaʼee deemu Muusaan akkana jedha ture;
"Rabbii Allaah, kaʼi!
Diinonni kee haa bittinneeffaman;
warri si jibbanis fuula kee duraa haa baqatan."
36 Yeroo inni boqochuuf dhufu akkana jedha ture;
"Rabbii Allaah,
gara kumaatama Israaʼel hedduutti deebiʼi."