1 Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa;
murtii dhugaa hundaanis ni morma.
2 Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu;
garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada.
3 Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa;
salphinnis qaanii wajjin dhufa.
4 Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha;
burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha.
5 Gara nama hamaa goruun yookaan nama balleessaa hin qabne
murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti.
6 Hidhiin gowwaa lola fida;
afaan isaas rukutamuu itti waama.
7 Afaan gowwaa badiisa isaa ti;
hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti.
8 Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti;
gara kutaa garaattis gad buʼa.
9 Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu,
obboleessa nama waa balleessuu ti.
10 Maqaan Rabbii Allaah gamoo jabaa dha;
namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.
11 Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha;
isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu.
12 Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula;
gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.
13 Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun,
gowwummaa fi qaanii dha.
14 Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa;
hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa?