15 Eela kee keessaa bishaan,
boolla bishaanii kee keessaa immoo bishaan qulqulluu dhugi.
16 Burqaan kee guutee daandii irra, bishaan kee kan yaaʼus
oobdii keessa dhangalaʼuu qabaa?
17 Isaan kan kee haa taʼan;
ormi si wajjin qooddachuu hin qabu.
18 Burqaan kee haa eebbifamu;
niitii dargaggummaa keetiitti gammadi.
19 Isheen miidhagduu akka borofaa, bareedduu akka gadamsaa ti;
harmi ishee yeroo hunda sitti haa tolu;
yeroo hunda jaalalli ishee si haa boojiʼu.
20 Yaa ilma ko, ati maaliif ejjituudhaan boojiʼamta?
Maaliif bobaa niitii nama biraa hammatta?