Moʼattoota Caaluu
28 Allaahan warra isa jaallatanii akka kaayyoo isaatti waamamaniif akka wanti hundinuu gaarii taʼuuf hojjetu ni beekna. 29 Akka inni obboloota baayʼee keessatti hangafa taʼuuf Allaahan warra duraan dursee beeke akka bifa ilma isaa fakkaataniif duraan dursee murteesseeraatii. 30 Inni warra duraan dursee murteesse sana ni waame; warra waame sanas qajeeltota taasise; warra qajeeltota taasiseef immoo ulfina kenne.