11 Rabbii Allaahanis, "Gadi baʼiitii fuula Rabbii Allaah dura tulluu irra dhaabadhu; Rabbii Allaahan achiin darbuuf jiraatii" jedheen.
Bubbeen guddaa fi jabaan tokko fuula Rabbii Allaah duratti tulluuwwan gargari dayyaasee kattaawwanis hurreesse; Rabbii Allaahan garuu bubbee sana keessa hin turre. Bubbee sana booddee sochii lafaa guddaa isaatu ture; Rabbii Allaahan garuu sochii lafaa sana keessa hin turre.