5 Rabbii Allaahanis Gibeʼoonitti halkan abjuu keessa Suleyimaanitti mulʼate; Allaahanis, "Waan akka ani siif kennu feetu kam iyyuu na kadhadhu" jedhe.
6 Suleyimaan immoo akkana jedhee deebise; "Ati sababii inni amanamummaa fi qajeelummaadhaan fuula kee dura jiraatee gara tolina siif qabaateef garbicha kee, abbaa koo Daawudiif arjummaa guddaa goote. Arjummaa guddaa kanas ittuma fufteefii harʼa ilma teessoo isaa irra taaʼu kenniteefii jirta.
7 "Egaa yaa Rabbii Allaah ko, ati iddoo abbaa koo Daawud, garbicha kee mootii gooteerta. Ani garuu daaʼima xinnaa dha; hojii koos akkan itti hojjedhu hin beeku. 8 Garbichi kee kunoo saba ati filatte saba guddaa, kan lakkaaʼamuu hin dandeenye yookaan herregamuudhaaf akka malee baayʼatu keessa jira. 9 Kanaafuu hubannaa ani ittiin saba kee bulchuu fi waan gaarii fi waan hamaa ittiin gargar baasee beeku garbicha keetiif kenni. Yoo akkas taʼuu baate eenyutu saba kee guddaa kana bulchuu dandaʼa?"
10 Suleyimaan waan kana duʼaa gochuun isaa fuula Gooftaa duratti gammachiisaa ture. 11 Kanaafuu Allaahan akkana jedheen; "Ati waan kana kadhatte malee ofii keetiif bara dheeraa yookaan sooroma yookaan lubbuu diinota keetii hin kadhanne; garuu waan murtii qajeelaa kennuuf hubannaa kadhatteef, 12 ani waan ati kadhatte kana siifin kenna. Qalbii ogeessa waa hubatu kan namoonni si dura turan hin qabaatin, kan warri si duubaan dhufanis hin qabaanne siifin kenna.