Mucaan Dubartii Suunam Tokkoo Duʼaa Kaafamuu Isaa
8 Gaaf tokko Al-yaasaʼaan kaʼee Suunam dhaqe. Dubartiin soorettiin tokko achi jiraatti turte; isheenis akka inni goree waa nyaatuuf Al-yaasaʼaa kadhatte. Kanaafuu inni yeroo karaa sanaan darbu hunda goree waa nyaata ture. 9 Isheenis dhirsa isheetiin akkana jette; "Ani namichi yeroo hunda karaa keenyaan darbu kun qulqulluu nama Allaaha akka taʼe nan beeka. 10 Kottu mee bantii manaa irratti kutaa xinnaa tokko ijaarree siree fi minjaala, barcumaa fi ibsaa achi keessa haa keenyuuf. Ergasiis inni yeroo nu bira dhufu hunda achi jiraachuu dandaʼa."
11 Al-yaasaʼaanis gaaf tokko dhufee ol baʼee kutaa isaa sana keessa ciise. 12 Innis tajaajilaa isaa Gehaaziin, "Mee dubartii Suunam sana as waami" jedhe. Gehaaz ishee waamnaan isheen dhuftee fuula Al-yaasaʼaa dura dhaabatte. 13 Al-yaasaʼaan immoo akkana isaan jedhe; " ‘Ati nuuf jettee baayʼee dadhabdeerta. Amma maal siif haa godhu? Iddoo kee buunee mootichatti yookaan ajajaa loltootaatti siif dubbannuu?’ jedhii isheetti himi."
Ishee immoo, "Ani saba koo gidduun jiraadha" jettee deebifte.
14 Al-yaasaʼaanis, "Maaltu isheef godhamuu dandaʼa?" jedhee gaafate.
Gehaaz immoo, "Isheen ilma hin qabdu; dhirsi ishees dulloomee jira" jedheen.
15 Al-yaasaʼaanis, "Ishee waami" jedheen. Kanaafuu inni ishee waame; isheenis balbala dura dhaabatte. 16 Al-yaasaʼaan, "Ati waggaa dhufu keessa yeroo kanatti ilma ni hammatta" jedheen.
Isheen immoo, "Akkas miti yaa gooftaa koo; yaa nama Allaaha, ati garbittii kee hin gowwoomsin!" jette.
17 Dubartiin sun garuu ni ulfoofte; akkuma Al-yaasaʼaan isheetti hime sanatti waggaa itti aanu keessa yeruma sanatti ilma deesse.
18 Mucaan sunis ni guddate; innis gaaf tokko gara warra midhaan haamanii abbaa isaa bira dhaqe. 19 Innis abbaa isaatiin, "Mataa koo! Mataa koo!" jedhe.
Abbaan isaa immoo hojjetaa tokkoon, "Baadhuutii gara haadha isaatti isa geessi" jedhe. 20 Erga hojjetaan sun fuudhee gara haadha isaati isa geessee booddee mucaan sun hamma saafaatti gudeeda haadha isaa irra taaʼee ergasii immoo ni duʼe. 21 Isheen ol baatee siree nama Allaaha sanaa irra isa ciibsite; mana itti cuftees kaatee biraa deemte.
22 Isheen dhirsa ishee waamtee, "Mee akka ani dafee gara nama Allaaha dhaqee deebiʼuuf hojjetaa tokkoo fi harree tokko naaf ergi" jetteen.
23 Inni immoo, "Harʼa ayyaana baatii miti yookaan Sanbata miti. Ati maaliif harʼa gara isaa dhaqxa ree?" jedheen.
Isheen, "Nagumaafin dhaqa" jette.
24 Isheenis harree ishee irra kooraa kaaʼattee hojjetaa isheetiin, "Karaa qabadhu; yoo ani sitti hime malee anaaf jettee suuta hin deemsisin" jette. 25 Kanaafuu isheen kaatee gara Tulluu Qarmeloos nama Allaaha sana bira dhaqxe.
Namni Allaaha sun fagootti ishee arginaan tajaajilaa isaa Gehaaziin akkana jedhe; "Ilaa! Dubartiin Suunam sun kuunnoo ti! 26 Fiigii ishee simadhuutii, ‘Ati fayyumaa? Dhirsi kee fayyumaa? Mucaan kee fayyumaa?’ jedhii gaafadhu."
Isheenis, "Wanni hundinuu naguma" jettee deebifte.
27 Isheen yommuu tulluu sana irratti nama Allaaha sana bira geessetti, jabeessitee miilla isaa qabatte. Gehaaz immoo gad dhiisisuuf dhufe; namni Allaaha sun garuu, "Ishee hin tuqin! Isheen gadda guddaa keessa jirti; Rabbii Allaahan garuu waan kana na dhokse; nattis hin himne" jedhe.
28 Isheenis, "Yaa gooftaa koo ani ilma si kadhadheeraa? Ani, ‘Na hin gowwoomsin’ siin hin jennee?" jetteen.
29 Kana irratti Al-yaasaʼaan Gehaaziin akkana jedhe; "Sabbataan mudhii kee hidhadhuutii, ulee koo harkatti qabadhuutii fiigi. Nama karaatti argite tokko illee hin dubbisin; yoo namni kam iyyuu si dubbise deebii hin kenniniif; ulee koos fuula mucaa sanaa irra kaaʼi."
30 Haati daaʼima sanaa garuu, "Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani si dhiisee hin deemu" jette. Kanaafuu inni kaʼee ishee duukaa buʼe.
31 Gehaaz isaan dura darbee ulee sana fuula mucaa irra kaaʼe; garuu sagaleen yookaan mallattoon tokko iyyuu hin turre. Kanaaf Gehaaz gara Al-yaasaʼaatti deebiʼee, "Mucaan hin dammaqne" jedhee itti hime.
32 Yommuu Al-yaasaʼaan mana gaʼetti mucaan sun duʼee siree isaa irra ciisaa ture. 33 Al-yaasaʼaanis ol seenee, ofii fi mucaatti balbala cufee Rabbii Allaah duratti duʼaa godhe. 34 Ergasiis siree yaabbatee, afaan isaa afaan mucaa irra, ija isaa ija mucaa irra, harka isaa harka mucaa irra kaaʼee mucicha irra ciise. Akkuma inni mucaa sana irratti diriireen dhagni mucaa hoʼuu jalqabe. 35 Al-yaasaʼaan achi garagalee mana keessa asii fi achi nanaannaʼee amma illee siree yaabbatee mucaa irratti diriire. Mucaan sunis yeroo torba haxxifatee ija banate.
36 Al-yaasaʼaanis Gehaazin waamee, "Dubartii Suunam sana as waami" jedhe. Innis ishee waame. Al-yaasaʼaan yommuu isheen gara isaa dhuftetti, "Kunoo mucaa kee fudhadhu" jedheen. 37 Isheen ol seentee, miilla isaa irratti kuftee addaan lafatti gombifamte. Ergasiis mucaa ishee fudhattee gad baate.