Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Reis 6

Qottoon Bishaan Irra Deeme

1 Ilmaan nabiiʼiyyootaa sun Al-yaasaʼaan akkana jedhan; "Kunoo, iddoon nu si wajjin wal geenyu nutti dhiphateera. 2 Akka nu Yordaanos dhaqnee tokkoon tokkoon keenya muka cirannee iddoo jiraannu achitti ijaarrannuuf nuu eeyyami."

Innis, "Dhaqaa" jedheen.

3 Isaan keessaa namni tokko, "Maaloo ati nu garboota kee wajjin hin deemtuu?" jedhee gaafate.

Al-yaasaʼaan immoo, "Nan deema" jedhee deebise. 4 Innis isaan wajjin deeme.

Isaan Yordaanos dhaqanii muka cirachuu jalqaban. 5 Isaan keessaa tokko utuu muka muruutti jiruu qottoon muka isaa irraa buqqaʼee bishaan keessa buʼe. Namichi sunis, "Wayyoo kaa, yaa gooftaa koo; wanni kun waan ergifatamee dha!" jedhee iyye.

6 Namni Allaaha sunis "Qottoon eessa buʼe?" jedhee gaafate. Yommuu inni iddoo qottoon sun buʼe isa argisiisetti Al-yaasaʼaan muka xinnaa tokko kutee achi keessa buusee akka sibiilli sun bishaan gubbaa deemu godhe. 7 Innis, "Ol fudhadhu" jedheen. Namichi sunis harka diriirfatee qottoo isaa fudhate.

Veja também