Publicidade

Atos 2

Haasaa Phexros

14 Phexrosis ergamoota Kudha Tokkoo sana wajjin kaʼee dhaabate; sagalee isaas ol fudhatee tuuta sanaan akkana jedhe; "Isin yaa namoota Yihuudaatii fi warri Yerusaalem keessa jiraattan hundi, mee waan kana beekaa; waan ani isinitti himu kana hubadhaa dhagaʼaa. 15 Yeroon kun waan guyyaa keessaa saʼaatii sadaffaa taʼeef namoonni kunneen akka isin yaaddan sana hin machoofne! 16 Kun garuu waan Yooʼeel nabiiʼiyyichi dubbatee dha; innis akkana jedha:

17 " Bara dhumaa keessa, jedha Allaahan,

ani Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa;

ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu;

dargaggoonni keessan mulʼata argu;

jaarsoliin keessan abjuu abjootu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-