19 Isaanis erga gara kiiloo meetira shanii yookaan jaʼaa mooqanii booddee utuu Iisaan galaana irra deemaa, bidiruu sanattis dhiʼaachaa jiruu argan; ni sodaatanis. 20 Inni garuu, "Anumaatii hin sodaatinaa" jedheen. 21 Isaanis bidiruutti ol isa fudhachuu barbaadan; bidiruun sunis yommusuma lafa isaan dhaqaa turan sana gaʼe.