Publicidade

João 8

4 Iisaadhaan akkana jedhan; "Yaa barsiisaa, dubartiin kun utuu ejja hojjettuu qabamte. 5 Muusaan Seera keessatti akka warri akkanaa dhagaadhaan tumaman nu ajajeera. Ati immoo maal jetta?" 6 Isaanis waan ittiin isa himatan argachuuf jedhanii isa qoruudhaaf waan kana gaafatan.

Iisaan garuu gad jedhee quba isaatiin lafa irratti barreessuu jalqabe. 7 Isaanis ittuma fufanii isa gaafannaan ol jedhee, "Isin keessaa namni cubbuu hin qabne dursee isheetti dhagaa haa darbatu" jedheen. 8 Ammas gad jedhee lafa irratti barreesse.

9 Isaanis yommuu kana dhagaʼanitti maanguddootaa jalqabanii tokko tokkoon baʼanii sokkan; Iisaan immoo dubartittii achuma dhaabattee jirtu wajjin kophaa hafe. 10 Iisaanis ol jedhee, "Dubartii nana, warri si himatan meerre? Namni tokko iyyuu sitti hin murree?" jedheen.

11 Isheenis, "Yaa Gooftaa, namni tokko iyyuu natti hin murre" jetteen.

Iisaanis, "Anis sitti hin muruu deemi; garuu siʼachi cubbuu hin hojjetin" jedheen.]8:11 Waraabbileen durii hedduun kutaa (Yoh 7:53–8:11) hin qaban yookaan iddoo biraa yookaan immoo injiilota biraa keessa seensisan.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-04_15-35-42-