19 Malaʼikkaan sunis akkana jedhee deebiseef; "Ani Jibriil isa fuula Allaaha dura dhaabatuu dha; anis sitti dubbachuu fi oduu gammachiisaa kana sitti himuuf ergameera.
Dhalachuu Iisaa
26 Elsaabeexi ulfooftee jiʼa jaʼaffaattis Jibriil malaʼikkaan Allaah biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame;