Namichi Jaamaan Tokko Fayyifamuu Isaa
35 Yeroo Iisaa Yerikootti dhiʼaatetti, namichi jaamaan tokko qarqara karaa taaʼee kadhachaa ture. 36 Innis akka tuunni namootaa karaa sana darbaa jiru dhageenyaan, waan taʼaa ture gaafate. 37 Isaanis, "Iisaa nama Naazreetitu asiin darbaa jira" jedhanii isatti himan.
38 Innis, "Iisaa, yaa ilma Daawud, na maari!" jedhee iyye.
39 Namoonni fuula dura deemaa turanis akka inni calʼisuuf isa ifatan; inni garuu, "Yaa ilma Daawud na maari!" jedhee ittuma caalchisee iyye.
40 Iisaanis dhaabatee akka isaan namicha gara isaa fidan ajaje. Yommuu inni gara isaatti dhiʼaatetti Iisaan akkana jedhee isa gaafate; 41 "Akka ani maal siif godhu barbaadda?"
Namichis, "Yaa Gooftaa, ani arguun barbaada" jedhee deebise.
42 Iisaanis, "Argi; amantiin kee si fayyiseeraa" jedheen. 43 Innis yeruma sana argee Allaah jajachaa Iisaa duukaa buʼe. Namoonni hundinuus yommuu waan kana arganitti Allaah jajan.