34 Simiʼoonis isaan eebbise; haadha daaʼima sanaa Mariyaamiinis akkana jedhe; "Daaʼimni kun Israaʼel keessatti kufaatiidhaa fi kaʼumsa namoota baayʼeetiif sababii, mormii isa irratti dubbatamuufis mallattoo akka taʼu murteeffameera; 35 kunis akka yaadni garaa namoota baayʼee ifatti baʼuuf. Goraadeen lubbuu kee ni waraana."
Publicidade