33 Yommuu iddoo Buqqee Mataa jedhamu gaʼanitti achitti isa fannisan; yakkitoota sanas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin fannisan. 34 Iisaanis, "Yaa Abbaa, isaan waan hojjetan hin beekaniitii isaaniif dhiisi" jedhe. Isaanis ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.
35 Namoonnis achi dhadhaabatanii ilaalaa turan; bulchitoonni garuu, "Inni warra kaan oolcheera. Inni yoo dhuguma Al-Masiihii Allaaha isa Filatamaa sana taʼe mee of haa oolchuu!" jedhanii isatti qoosan.
36 Loltoonnis isatti dhiʼaatanii itti qoosaa daadhii wayinii dhangaggaaʼaa kennaniifii, 37 "Ati yoo mootii Yihuudootaa taate mee of oolchi" jedhan.
38 Katabbiin,
Kun Mooticha Yihuudootaa ti,
jedhu tokkos mataa isaatii ol ture.
39 Yakkitoota achitti fannifaman keessaa tokko, "Ati Al-Masiihi mitii? Mee of oolchi; nu illee oolchi!" jedhee isa arrabse.
40 Yakkituun kaan garuu akkana jedhee isa ifate; "Atis waan murtii wal fakkaatu jala jirtuuf, Allaah illee hin sodaattuu? 41 Nu adabbii sirrii adabamaa jirra; gatii hojii keenyaaf malu argachaa jirraatii. Namichi kun garuu yakka tokko illee hin hojjenne."
42 Iisaanis, "Yaa Iisaa, yeroo mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu" jedhe.
43 Iisaanis deebisee, "Ani dhuguman sitti hima; ati harʼa na wajjin jannatatti ni galta" jedheen.