Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 6

6 Sanbata biraas inni mana sagadaa seenee barsiisaa ture; namichi harki isaa mirgaa irratti goge tokkos achi ture. 7 Fariisonnii fi barsiistonni seeraa Iisaa himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan nama fayyisu ilaaluuf isa gaadan. 8 Iisaan garuu waan isaan yaadan beekee namicha harki irratti goge sanaan, "Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu" jedhe. Innis kaʼee achi dhaabate.

9 Iisaanis, "Anis isinan gaafadha; Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo balleessuu?" isaaniin jedhe.

10 Gara galees hunda isaanii ilaalee namichaan, "Harka kee diriirfadhu" jedhe. Innis akkasuma godhe; harki isaas guutumaan guutuutti fayye.

Veja também