Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 7

Amantii Ajajaa Dhibbaa

1 Iisaan yeroo waan kana hundumaa namoota isa dhaggeeffachaa turanitti himee fixatetti, Qifirnaahom seene. 2 Achis tajaajilaan ajajaa dhibbaa kan gooftaan isaa akka malee isa jaallatu tokko dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. 3 Ajajaan dhibbaa sunis waaʼee Iisaa dhagaʼee akka inni dhufee garbicha isaa fayyisuuf maanguddoota Yihuudootaa isatti ergee kadhate. 4 Isaanis yommuu gara Iisaa dhufanitti akkana jedhanii jabeessanii isa kadhatan; "Ati waan kana isaaf gochuun namicha kanaaf ni mala; 5 inni saba keenya ni jaallataatii; mana sagadaas nuuf ijaareera." 6 Kanaafuu Iisaan jara wajjin deeme.

Yeroo inni manichatti dhiʼaatetti ajajaan dhibbaa sun akkana jedhee michoota isaa Iisaatti erge; "Yaa gooftaa of hin rakkisin; ati bantii mana koo jala seenuun naaf hin maluutii. 7 Sababiin ani ofii koo akka nama gara kee dhufuun maluufitti hin ilaaliniif iyyuu kanuma. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii. 8 Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, Deeminan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, Kottunan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, Waan kana hojjedhunan jedha; innis ni hojjeta."

9 Iisaan yommuu waan kana dhagaʼetti isa dinqifate; namoota isa duukaa buʼaa turanittis garagalee, "Ani isinittin hima; ani amantii guddaa akkanaa Israaʼel keessatti iyyuu hin arganne" jedhe. 10 Yommuu namoonni ergamanii turan manatti deebiʼanitti garbichi sun fayyee isaan eege.

Veja também