Mucattii Duutee fi Dubartii Dhukkubsatte
40 Yommuu Iisaan deebiʼetti namoonni baayʼeen isa simatan. Hundi isaanii isa eeggachaa turaniitii. 41 Namichi Yaaʼiiros jedhamu, bulchaan mana sagadaa tokko dhufee miilla Iisaa irratti kufee akka inni mana isaa dhaqu isa kadhate; 42 sababiin isaas intalli isaa tokkittiin, durbi umuriin ishee gara waggaa kudha lamaa taʼu tokko duʼuu geessee turte.
Utuu Iisaan deemaa jiruu namoonni qixa hundaan dhiibanii hafuura isa kutuu gaʼan. 43 Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte; garuu namni tokko iyyuu ishee fayyisuu hin dandeenye. 44 Isheenis dugda isaa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuqxe; dhiigni ishees yommusuma cite.
45 Iisaanis, "Eenyutu na tuqe?" jedhee gaafate.
Yommuu hundi isaanii haalanitti Phexros, "Yaa barsiisaa namoonni tuuttaʼanii si dhiibaa jiru" jedhe.
46 Iisaan garuu, "Namni wayii na tuqeera; ani akka humni na keessaa baʼe nan beekaa" jedhe.
47 Dubartittiinis akka utuu hin beekamin deemuu hin dandeenye hubannaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte. Isheenis maaliif akka isa tuqxee fi akkamittis akka yommusuma fayyite namoota sana hunda duratti dubbate. 48 Kana irratti inni, "Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi" jedheen.
49 Utuu Iisaan dubbachaa jiruus namni tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufee, "Intalli kee duuteerti; ati siʼachi barsiisicha hin rakkisin" jedhe.
50 Iisaan garuu yommuu dhagaʼetti Yaaʼiiroosiin, "Amani malee hin sodaatin; isheen ni fayyitii" jedhe.
51 Inni yommuu mana Yaaʼiiroos gaʼetti Phexros, Yohannisii fi Yaaʼikuub akkasumas abbaa fi haadha intalattii malee akka namni tokko iyyuu isa wajjin ol seenu hin eeyyamne. 52 Kana irratti namoonni hundinuu isheef wawwaachaa, faarsaas turan. Iisaan garuu, "Hin booʼinaa; isheen ni rafti malee hin duuneetii" jedhe.
53 Isaan immoo akka isheen duute waan beekaniif isatti kolfan. 54 Inni garuu harka ishee qabee, "Intala ko, kaʼi!" jedhe. 55 Hafuurri ishees ni deebiʼe; isheenis yommusuma kaatee dhaabatte. Ergasii Iisaan akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime. 56 Abbaa fi haati ishees ni dinqifatan; inni garuu akka isaan waan taʼe sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje.