Kadhadhaa, Barbaadaa, Balbala Rurrukutaa
7 "Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa. 8 Namni kadhatu hundi ni argataatii; namni barbaadu ni argata; nama rurrukutuufis balballi ni banama.
9 "Isin keessaa namni yoo ilmi isaa buddeena isa kadhate, dhagaa kennuuf eenyu? 10 Yookaan yoo inni qurxummii isa kadhate, bofa kennuuf eenyu? 11 Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, abbaan keessan inni shamaayʼun irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif kennaa gaarii haa kennuu ree!