Pular para o conteúdo
Publicidade

Provérbios 1

1 Fakkeenya Suleyimaan Ilma Daawud, mootii Israaʼel:

2 Ogummaa fi qajeelfama qabaachuudhaaf,

dubbii beekumsa guddaa hubachuudhaaf;

3 ogummaadhaan jiraachuudhaan, qajeelummaadhaan,

murtii qajeelaa kennuu fi nama wal qixxeessuudhaan qajeelfama argachuudhaaf;

4 warra waa hin beekneef of eeggannoo kennuudhaaf,

dargaggootaaf immoo beekumsaa fi hubannaa kennuudhaaf,

5 ogeeyyiin dhaggeeffatanii barumsa isaanii irratti waa haa dabalatan;

warri qalbii qabanis qajeelfama haa argatan;

6 kunis fakkeenyaa fi hiikkaa,

jechaa fi hibboo ogeeyyii hubachuudhaaf.

Veja também