41 Iliyaasis Ahaabiin, "Deemi; nyaadhuu dhugi; huursaa bokkaa guddaa isaatu dhagaʼamaa jiraatii" jedhe. 42 Kanaafuu Ahaab nyaachuu fi dhuguuf deeme; Iliyaas garuu fiixee Qarmeloos ol baʼee gad jedhee fuula isaa jilba isaa gidduu kaaʼate.
43 Innis hojjetaa isaatiin, "Dhaqiitii gara galaanaa ilaali" jedhe. Hojjetaan sunis ol baʼee ilaale.
Innis, "Wanni tokko iyyuu achi hin jiru" jedhe.
Iliyaasis, "Yeroo torba, deddeebiʼii ilaali" jedheen.
44 Hojjetaan sun yeroo torbaffaatti, "Duumessa xinnaa hamma konyee namaa gaʼu tokkotu galaana irraa ol kaʼaa jira" jedhee itti hime.
Kanaafuu Iliyaas, "Dhaqiitii Ahaabiin, ‘Gaarii kee yaabbadhuutii utuu bokkaan si hin qabatin gad buʼi’ jedhii itti himi" jedheen.
45 Yeruma sana shamaayʼuniin duumessaan gurraachaʼee bubbeen bubbise; bokkaan guddaan isaa dhufnaan Ahaab gulufee Yizriʼeelitti baqate.