16 Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Allaahan hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii. 17 Allaahan karaa isaatiin addunyaa fayyisuudhaaf malee addunyaatti muruuf Ilma isaa gara addunyaatti hin ergineetii. 18 Kan isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa Ilma Allaaha tokkichaatti hin amaniniif ammuma iyyuu itti murameera.
Publicidade
Publicidade