10 Iisaan guyyaa Sanbataa tokko manneen sagadaa keessaa isa tokkotti barsiisaa ture. 11 Dubartiin hafuurri hamaan waggaa kudha saddeeti dugda ishee goophesse tokkos achi turte; isheenis waan gad gogdeef gonkumaa ol jechuu hin dandeessu turte. 12 Iisaanis yommuu ishee argetti ofitti ishee waamee, "Dubartii nana, ati dhukkuba kee irraa fayyiteerta" jedheen, 13 Innis harka isaa ishee irra kaaʼe; isheenis yeruma sana ol jettee Allaah galateeffatte.
14 Bulchaan mana sagadaas sababii Iisaan guyyaa Sanbataatiin nama fayyiseef aaree namootaan, "Guyyaan hojii jaʼatu jira; guyyoota sana kottaatii fayyifamaa malee guyyaa Sanbataa hin dhufinaa" jedhe.
15 Gooftaan immoo akkana jedhee deebiseef; "Yaa fakkeessitoota! Isin keessaa namni guyyaa Sanbataa qotiyyoo isaa yookaan harree isaa dallaa keessaa hiikee bishaan obaasuu hin geessine jiraa? 16 Yoos dubartiin kun intalli Ibraahim kan sheeyxaanni waggaa kudha saddeeti guutuu hidhee ture kun guyyaa Sanbataatiin hidhaa kana irraa hiikamuun isheef hin maluu?"
17 Yommuu inni waan kana dubbatetti mormitoonni isaa hundi ni qaanaʼan; namoonni garuu hojjiiwwan dinqii kanneen inni hojjechaa ture hundatti ni gammadan.