4 "Isin keessaa namni hoolota dhibba qabu tokko yoo hoolaan tokko jalaa bade, hoolota sagaltamii sagallan kaan lafa tikaatti dhiisee hamma hoolaa bade sana argatutti kan barbaaduu hin deemne eenyu? 5 Yommuu argatus gammadee gatiittii isaa irratti baatee, 6 mana isaatti gala. Innis michoota isaatii fi olloota isaa walitti waamee, ‘Ani hoolaa koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaa’ jedha. 7 Ani isinittin hima; sababii qajeeltota qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachifne sagaltamii sagalii irra sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif shamaayʼun keessatti gammachuun guddaan akkasuma ni taʼa.