Publicidade

Lucas 17

12 Akkuma inni ganda tokko seeneenis, namoonni lamxaaʼan kudhan isatti dhufan. Isaanis fagoo dhadhaabatanii, 13 sagalee isaanii ol fudhatanii, "Iisaa yaa Gooftaa, nuu naʼi!" jedhan.

14 Innis yommuu isaan argetti, "Dhaqaatii lubootatti of argisiisaa!" jedheen; isaanis utuma deemaa jiranuu qulqullaaʼan.

15 Isaan keessaas inni tokko yommuu fayyuu isaa argetti sagalee guddaadhaan Allaahaf ulfina kennaa deebiʼee dhufe. 16 Adda isaatiinis miilla Iisaa irratti gombifamee isa galateeffate; innis nama Samaariyaa ture.

17 Iisaanis akkana jedhee gaafate; "Kurnanuu qulqullaaʼaniiru mitii? Yoos warri hafan sagallan eessa dhaqan? 18 Nama ormaa kana malee namni deebiʼee Allaahaf galata galchu tokko iyyuu hin argamnee?" 19 Iisaanis, "Kaʼii deemi; amantiin kee si fayyiseeraatii" jedheen.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-