Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 18

Fakkeenya Fariisichaatii fi Namicha Qaraxa Walitti Qabuu

9 Iisaanis namoota qajeelummaa ofiitti amananii warra kaan immoo tuffatanitti akkana jedhee fakkeenya kana hime. 10 "Namoonni lama duʼaa godhachuuf gara mana qulqullummaatti ol baʼan; isaanis Fariisicha tokkoo fi nama qaraxa walitti qabu tokko turan. 11 Fariisichi kaʼee dhaabatee, waaʼee mataa isaa akkana jedhee duʼaa godhate; Yaa Allaah, ani akka namoota kaanii jechuunis akka saamtotaa, jalʼootaa fi sagaagaltootaa keessumattuu waan akka namicha qaraxa walitti qabu kanaa hin taʼiniif sin galateeffadha. 12 Ani torbanitti yeroo lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa irraas harka kudhan keessaa tokko nan kenna.

13 "Namichi qaraxa walitti qabu sun garuu fagoo dhaabate, qoma isaa dhadhaʼaa, Yaa Allaah, ani nama cubbamaadhaatii naa naʼi!jedhe malee ija isaatiin illee ol jedhee gara shamaayʼun hin ilaalle.

14 "Ani isinittin hima; namichi kun namicha duraa irra fuula Allaaha duratti qajeelaa taʼee mana isaatti gale. Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu garuu ol qabama."

Veja também