Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 19

Iisaa fi Zakkewoos

1 Iisaan Yerikoo seenee achi keessa darbaa ture. 2 Namichi Zakkewoos jedhamu tokkos achi ture; innis hangafa warra qaraxa walitti qabaniitii fi sooressa ture. 3 Innis Iisaan nama akkamii akka taʼe arguu barbaade; garuu gabaabaa waan tureef, sababii baayʼina namootaatiif isa arguu hin dandeenye. 4 Iisaan waan karaa sana irra darbaa tureef, Zakkewoos isa arguuf jedhee fiigee dura darbee muka qilxuu tokko yaabe.

5 Iisaan yommuu iddoo sana gaʼetti ol milʼatee, "Yaa Zakkewoos, harʼa mana kee ooluun narra jiraatii dafii gad buʼi" jedheen. 6 Innis yommusuma gad buʼee gammachuudhaan isa simate.

7 Namoonni hundinuu yommuu waan kana arganitti, "Inni keessummaa Nama cubbamaataʼuu dhaqe!" jedhanii guungumuu jalqaban.

8 Zakkewoos garuu kaʼee dhaabatee Gooftaadhaan, "Yaa Gooftaa kunoo, ani walakkaa qabeenya koo hiyyeeyyiif nan kenna; ani yoon nama tokko illee gowwoomsee saamee jiraadhe, waanan fudhadhe sana harka afur godhee nan deebisa" jedhe.

9 Iisaan deebisee akkana jedheen; "Namichi kunis waan ilma Ibraahim taʼeef, harʼa fayyinni mana kanaaf dhufeera. 10 Ilmi Namaa isa bade barbaaduu fi fayyisuudhaaf dhufeetii."

Veja também