Phexros Iisaa Ganuu Isaa
54 Isaanis isa qabanii fuudhanii deeman; fidaniis mana luba ol aanaa ol isa seensisan. Phexros immoo fagootti duukaa buʼaa ture. 55 Yommuu isaan walakkaa lafa dallaa keessaatti ibidda qabsiisanii walii wajjin tataaʼanitti Phexrosis isaan wajjin taaʼe. 56 Xomboreen tokkos utuu inni ifa ibiddaa keessa taaʼee jiruu isa argite. Isheenis hubattee isa ilaaltee, "Namichi kunis isa wajjin ture" jette.
57 Inni garuu, "Dubartii nana, ani isa hin beeku" jedhee gane.
58 Yeroo xinnoo booddee namni biraa isa argee, "Atis jara keessaa tokkoo dha" jedhe.
Phexros garuu, "Namichoo, ana miti" jedhee deebise.
59 Gara Saʼaatii tokkoo booddee namni biraa, "Namichi kunis waan nama Galiilaa taʼeef dhuguma iyyuu isa wajjin ture" jedhee jabeessee dubbate.
60 Phexros immoo deebisee, "Namichoo, ani waan ati jettu kana hin beeku" jedhe. Utuma inni dubbachaa jiruus indaanqoon iyye. 61 Gooftaanis garagalee Phexrosin ilaale. Phexrosis waan Gooftaan, "Ati harʼa utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta" isaan jedhee ture sana yaadate. 62 Innis gad baʼee hiqqifatee booʼe.