Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 5

Waamamuu Barattoota Jalqabaa

1 Gaaf tokko Iisaan utuu Haroo Geensereex bira dhaabatee jiruu, utuu namoonnis isatti naannaʼanii dubbii Allaaha dhagaʼaa jiranuu, 2 bidiruuwwan lama ededa bishaanichaa irratti arge; qurxummii qabdoonni garuu keessaa baʼanii kiyyoo isaanii miicachaa turan. 3 Innis bidiruuwwan sana gidduudhaa ishee kan Simoon taate tokko yaabbate; akka inni qarqara lafaa irraa gara gidduu bishaaniitti xinnoo achi butus isa kadhate. Iisaanis bidiruu sana irra taaʼee namoota barsiisuu jalqabe.

4 Innis yommuu dubbatee fixetti Simooniin, "Gara tuujuba bishaaniitti achi siqi; qurxummii qabuufis kiyyoo keessan darbadhaa" jedhe.

5 Simoonis deebisee, "Yaa barsiisaa, nu halkan guutuu akka malee itti dadhabnee waa tokko illee hin qabne. Ani garuu waan ati jetteef kiyyoo nan darbadha" jedhe.

6 Isaanis kiyyoo isaanii darbatanii hamma kiyyoon isaanii ciccituu jalqabutti qurxummii akka malee baayʼee qabatan. 7 Kanaafuu akka michoonni isaanii warri bidiruu kaan keessa turan dhufanii isaan gargaaraniif mallattoon waammatan; isaanis dhufanii bidiruu lachuu qurxummiidhaan guutan; bidiruuwwan sunis liqimfamuu jalqaban.

8 Simoon Phexrosis yommuu waan kana argetti jilba Iisaatti kufee, "Yaa Gooftaa, ani nama cubbamaa dha; narraa fagaadhu!" jedhe. 9 Kunis sababii qurxummiin baayʼeen qabame sun Simʼoonii fi warra isa wajjin turan hunda dinqisiiseef; 10 ilmaan Zabdewoos warri michoota Simoon turan jechuunis Yaaʼikuubii fi Yohannis akkasuma dinqisiifatan.

Iisaanis Simʼooniin, "Hin sodaatin; ati ammaa jalqabdee qabduu namootaa ni taataa" jedhe. 11 Isaanis bidiruuwwan isaanii gara qarqaraatti ol baasanii waan hunda dhiisanii isa duukaa buʼan.

Veja também