Namicha Lamxaaʼaa Tokko
12 Utuu Iisaan magaalaawwan sana keessaa isa tokko keessa jiruu namichi dhagni isaa guutuun lamxaaʼe tokko gara isaa dhufe. Innis yommuu Iisaa argetti adda isaatiin lafatti gombifamee, "Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa" jedhee isa kadhate.
13 Iisaanis harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, "Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!" jedheen; lamxiin sunis yeruma sana namicha irraa bade.