31 Iisaan itti fufee akkana jedhe; "Yoos ani namoota dhaloota kanaa maaliinan wal fakkeessuu dandaʼa ree? Isaan maal fakkaatu? 32 Isaan akkuma ijoollee iddoo gabaa taaʼanii wal waamanii akkana jedhanii ti:
" ‘Nu ulullee isinii afuufne;
isin garuu hin sirbine;
faaruu booʼichaas faarsine;
isin garuu hin boonye.’
33 Yahyaan yeroo dhufetti buddeena hin nyaatu, daadhii wayiniis hin dhugu tureetii; isin immoo, ‘Inni hafuura hamaa qaba’ jettu. 34 Ilmi Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isin immoo, ‘Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaa’ jettu. 35 Ogummaan garuu ijoollee ishee hundumaan mirkaneeffamti."
Iisaan Shittoo Dibamuu Isaa
36 Fariisota keessaa namichi tokko akka inni isa wajjin nyaatuuf Iisaa affeere; innis mana Fariisichaa dhaqee maaddiitti dhiʼaate. 37 Dubartiin cubbamtuun magaalaa sanaa tokkos yommuu akka Iisaan mana Fariisichaatti waa nyaachaa jiru bartetti bilqaaxxii albaasxiroositti shittoo qabattee dhufte.