Pular para o conteúdo
Publicidade

Luqaas 8

Fakkeenya Namicha Sanyii Facaasuu

1 Iisaanis ergasii injiila mootummaa Allaaha lallabaa magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraatti, ganda tokko irraas gara ganda biraatti naannaʼaa ture. Warri Kudha Lamaanis isa wajjin turan; 2 dubartoonni hafuurota hamoo fi dhibee irraa fayyifaman tokko tokkos isa wajjin turan; isaanis Mariyaam ishee Magdalaa kan hafuuronni hamoon torba ishee keessaa baʼan, 3 Yohaanaa niitii Kuuzaa isa eegduu mana Heroodis turee, Suusanaa fi dubartoota biraa baayʼee turan. Dubartoonni kunneenis waan qabaniin Iisaa fi barattoota isaa tajaajilaa turan.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também