27 Yommuu Iisaan qarqara galaanaatti buʼettis namichi magaalaa sanaa kan hafuura hamaadhaan qabamee ture tokko isatti dhufe. Namichi kun yeroo dheeraadhaaf uffata hin uffatu ture; qabrii gidduu jiraata malee mana keessa hin jiraatu ture. 28 Innis yommuu Iisaa argetti iyyee miilla isaa irratti kufe; sagalee ol fudhatee iyyees, "Yaa Iisaa Ilma Allaah Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Ani sin kadhadha; na hin dhiphisin!" jedhe. 29 Iisaan akka hafuurri xuraaʼaan sun namicha keessaa baʼu ajajee tureetii. Hafuurri sunis yeroo baayʼee itti kaʼaa ture; namichi sun yoo harkaa fi miilli isaa foncaan hidhamee eegamaa ture iyyuu, hidhaa isaa of irraa kukkutee, hafuura hamaa sanaan gara lafa namni hin jirreetti geeffamaa ture.
30 Iisaanis, "Maqaan kee eenyu?" jedhee isa gaafate.
Innis sababii hafuuronni hamoon baayʼeen isatti galanii turaniif, "Leegewoon" jedhee deebise. 31 Hafuuronni hamoon sunis akka inni akka isaan Qilee keessa buʼan isaan hin ajajneef Iisaa kadhatan.
32 Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara irra achi dheedaa ture. Hafuuronni hamoon sunis akka inni akka isaan booyyeewwan sanatti galaniif isaanii eeyyamu Iisaa kadhatan; innis ni eeyyameef. 33 Yommuu hafuuronni hamoon sun namicha keessaa baʼanii booyyeewwanitti galanitti, hoomaan sun ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame.
34 Warri booyyeewwan tiksan sunis yommuu waan taʼe sana arganitti, baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan; 35 namoonnis waan taʼe sana ilaaluu baʼan. Isaanis yommuu gara Iisaa dhufanitti namicha hafuuronni hamoon keessaa baʼan sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee miilla Iisaa jala taaʼee argan; ni sodaatanis.