38 Namoota sana keessaas namichi tokko iyyee akkana jedhe; "Yaa Barsiisaa akka ati ilma koo naa ilaaltu sin kadhadha; inni anaaf mucaa tokkichaatii. 39 Hafuurri wayii itti kaʼa; gurbichis akkuma tasaa iyya; hafuurri sun lafaan dhaʼee isa dhidhiitachiisa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; hafuurichi dafee irraa hin galu; yeroo hundas isa miidha. 40 Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan kadhadhe; isaan garuu hin dandeenye."
41 Iisaanis deebisee, "Isin dhaloota hin amannee fi jalʼaa nana; ani hamma yoomiitti isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis isinii obsa?" jedhe. Namichaanis, "Mee ilma kee as fidi" jedhe.
42 Utuma gurbaan sun gara Iisaa dhufaa jiruus, hafuurri hamaan sun lafaan dhaʼee isa dhidhiitachiise. Iisaan garuu hafuura xuraaʼaa sana ifate; gurbichas fayyisee abbaa isaatiif kenne. 43 Hundumti isaaniis humna Allaaha isa jabaa sana ni dinqifatan.
Utuu hundi isaanii waan Iisaan hojjete sana dinqisiifachaa jiranuu inni barattoota isaatiin akkana jedhe;