3 Innis akkana jedhee waan baayʼee fakkeenyaan isaanitti hime; "Kunoo, namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe. 4 Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼe; simbirroonnis dhufanii nyaatanii fixan. 5 Kaan immoo lafa kattaa, iddoo biyyoo baayʼee hin qabne irra buʼe. Sanyiin sunis sababii biyyoon sun gad fageenya hin qabaatiniif dafee biqile. 6 Yommuu aduun baatetti garuu biqiltuun sun ni coollage; waan hidda hin qabaatiniifis ni goge. 7 Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis guddatee biqiltuu sana hudhe. 8 Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼee achitti ija naqate; garri tokko dachaa dhibba, kaan dachaa jaatama, kaan immoo dachaa soddoma naqate. 9 Namni gurra qabu kam iyyuu haa dhagaʼu."