Mallattoo Dhuma Baraa
1 Utuu Iisaan mana qulqullummaatii baʼee deemaa jiruu barattoonni isaa gamoowwan mana qulqullummaa isatti argisiisuuf gara isaa dhufan. 2 Innis, "Waan kana hunda argituu? Ani dhuguma isinittin hima; asitti dhagaan dhagaa irratti hafu tokko hin jiru; hundi isaa iyyuu ni diigama" jedhee deebiseef.