Publicidade

Mateus 24

Guyyaa fi Saʼaatiin Hin Beekamu

36 "Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; malaʼikkoonni shamaayʼun irraa iyyuu hin beekan; yookaan Ilmi iyyuu hin beeku. 37 Akkuma bara Nuuhi taʼe sana yeroo dhufaatii Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa. 38 Bara bishaan badiisaatiin dura ture sana, hamma gaafa Nuuhi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turaniitii. 39 Isaanis hamma bishaan badiisaa dhufee hunda isaanii fudhatetti waan dhufuuf jiru hin beekne. Yeroo Ilmi Namaa dhufuttis akkasuma taʼa.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-