Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Mootota 1

11 Ergasii Naataan akkana jedhee Batisheebaa haadha Suleyimaan gaafate; "Ati akka Adooniyaan ilmi Hagiitii, utuu gooftaan keenya Daawud quba hin qabaatin mootii taʼe hin dhageenyee? 12 Mee amma kottu akka ati itti lubbuu keetii fi lubbuu ilma kee Suleyimaan oolchuu dandeessu si gorsaa. 13 Amma gara Daawud mootichaa dhaqiitii, Yaa gooftaa koo mootii, ati, "Ilmi kee Suleyimaan anatti aanee dhugumaan mootii ni taʼa; teessoo koo irras ni taaʼa" jettee ana garbittii keetiif hin kakannee? Yoos Adooniyaan maaliif mootii taʼe?jedhiin.

Veja também